Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEEWWOTA 16-17

Guyyaan Araaraa Isiniif Hiika Akkamii Qaba?

Guyyaan Araaraa Isiniif Hiika Akkamii Qaba?

16:12-15

Akkaataa ixaanni Guyyaa Araaraatti faayidaa irra oolu irraa maal baranna?

  • Kadhannaan fudhatama qabuu fi tajaajiltoonni Yihowaa warri amanamoo taʼan dhiheessan akkuma ixaanaa ti. (Fr 141:2) Akkuma lubni ol aanaan yommuu Yihowaa duratti ixaana dhiheessu kabaja guddaa argisiisu, nutis yommuu kadhannaadhaan Yihowaa duratti dhihaannu sodaa fi kabaja guddaa argisiisuu qabna

  • Lubni ol aanaan aarsaa dhiheessuu isaa dura ixaana aarsuu qaba ture. Haaluma wal fakkaatun, Yesuusis lubbuu isaa aarsaa godhee dhiheessuu isaa dura, ejjennoo isaa eegee amanamummaadhaan jiraachuudhaan Yihowaan aarsaa isaa akka fudhatuuf haala mijeessuun isa barbaachisee ture

Aarsaan Yihowaadhaaf dhiheessu isa biratti fudhatama kan qabu taʼuu isaa akkamittan mirkaneeffachuu dandaʼa?