AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaatti Barachuuf Fedhii Qabdaa?
Tajaajilaa yeroo guutuu umurii waggaa 23 hanga 65 gidduutti argamtu dhaa? Haala fayyaa gaarii taʼe qabdaa? Bakka caalaatti gargaarsi barbaachisutti tajaajiluu ni dandeessaa? Taanaan, Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa irratti hirmaachuuf foormii guutuuf yaaddeettaa? Yeroo manni barumsaa kun jalqabee kaasee, hiriyoonni gaaʼelaa, akkasumas obboloonnii fi obboleettonni qeenxeen kumaan lakkaaʼaman foormii guutaniiru. Taʼus amma iyyuu, obboloonni qeenxeen hedduun foormii akka guutan barbaanna. Fedhii isa gammachiisuu fi fakkeenya Ilma isaa hordofuuf qabdu akka siif guddisu Yihowaa kadhadhu. (Fr 40:8; Mat 20:28; Ibr 10:7) Achiis ulaagaa isaa guutuuf itti gaafatamummaa qabdu akkamitti hirʼisuu akka dandeessu yaadi.
Obboloonni leenjii tiʼookraasii kana argatan carraa tajaajilaa akkamii qabu? Obboloonni eebbifaman tokko tokko naannoo afaan kan biraan dubbatamutti akka tajaajilan ykn tajaajila addabaabayii addaa irratti akka hirmaatan ramadamaniiru. Kaan immoo bakka buutota daawwattoota ol aanaa aanaa, daawwattoota ol aanaa aanaa ykn misiyoonota tajaajila dirree irratti hirmaatan akka taʼan ramadamaniiru. Wanta tajaajila Yihowaa irratti raawwachuu dandeessan yeroo yaaddan ilaalcha Isaayyaas raajichaa isa, “Kunoo ani jira! Ana ergi!” jedhee qabaadhaa.—Isa 6:8.
VIIDIYOO MISIYOONOTA HOJII MAKARAA IRRATTI HOJJETAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Misiyoononni tajaajila dirree irratti hirmaatan kan filataman akkamitti?
-
Misiyoononni tajaajila dirree irratti hirmaatan hojii gaarii akkamii hojjechaa jiru?
-
Eebbawwan Tajaajilli misiyoonummaa argamsiisu tokko tokko maal faʼi?