Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEEWWOTA 10-11

Jaalalli Yihowaadhaaf Qabnu Jaalala Maatii Keenyaaf Qabnu Irra ni Caala

Jaalalli Yihowaadhaaf Qabnu Jaalala Maatii Keenyaaf Qabnu Irra ni Caala

10:1, 2, 4-7

Yeroo namni jaallannu tokko gumiidhaa baafamu amanamummaan Yihowaadhaaf qabnu baayʼee qoramuu dandaʼa. Qajeelfamni Yihowaan Aaroniif kenne firoota keenya warra gumiidhaa baafamanii wajjin walitti dhufeenya qabnu addaan kutuu akka qabnu ifatti argisiisa. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu jaalala miseensota maatii keenyaa warra amanamoo hin taaneef qabnu irra kan caalu taʼuu qaba.

Namoonni qajeelfama Yihowaan namoota gumiidhaa baafaman ilaalchisee kenne hordofan eebbawwan akkamii argatu?—1Qo 5:11; 2Yo 10, 11