BARREEFFAMA QO'ANNAA WALGA'II JIREENYAA FI TAJAAJILA KIRISTIYAANAA Guraandhala 2017

Ittiin Lixa

Ittiin lixa Dammaqaa! fi dhugaa barsiisaa, akkasumas birooshura Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa? jedhuuf gargaaru. Yaadawwan kana irratti hundaaʼiitii ittiin lixa mataa kee qopheeffadhu.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Yihowaadhaaf Ajajamuun Eebba Argamsiisa

Yihowaan karaa eebba nuuf argamsiisuun akka jiraannuuf jaalalaan kakaʼee karaa nutti argisiisa.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Kiristoos Nuuf Jedhee Dhiphate

Duuti Yesuus gaaffii Seexanni amanamummaa tajaajiltoota Yihowaa ilaalchisee kaaseef deebii kenna.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Ijoolleen Keessan Uumaa Irratti Amantii Cimaa Akka Qabaatan Gargaaraa

Ijoolleen keessan jireenyi akkamitti akka eegale ilaalchisee maal amanu? Yihowaa isa Uumaa taʼe irratti amantii akka qabaatan akkamitti gargaaruu dandeessu?

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

‘Waggaa Waaqayyo Biratti Jaallatamee Fudhatame Labsaa’

Waggaan jaalala Waaqayyoo kallattiidhaan kan fudhatamu dhaa? Yeroon kun hojii Mootummicha labsuu wajjin kan wal qabate akkamitti?

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Barreeffamoota Keenyatti Sirriitti Fayyadamaa

Barreeffamoota maxxansuu fi gumii addunyaa maraatti erguun, carraaqqii fi baasii guddaa gaafata. Barreeffamoota yommuu kennitan hubannaa keessanitti fayyadamaa.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Bantiiwwan Waaqaa Haaraanii fi Lafti Haaraan Gammachuu Guddaa Argamsiisu

Abdii Waaqayyo “bantiiwwan waaqaa haaraa fi lafa haaraa” ilaalchisee kenne yeroo harʼaatti nuuf hiika maalii qabu?

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Abdichatti Gammadaa

Abdiin akkuma qofoo sibiilaa ti. Abdiin Dubbii Waaqayyoo keessa jiru irratti xiinxaluun gammachuu eeguuf, qorumsa keessatti jabaannee dhaabachuuf nu gargaara.