Ittiin Lixa
DAMMAQAA!
Gaaffii: Gabaasonni dhihaatan lakkoofsi dargaggoota umurii waggoota kurnanii dhukkuba dhiphinaatiin qabamanii haala nama naasisuun dabalaa jiraachuu isaa ibsu. Rakkina kana ilaalchisee wanti gochuu dandeenyu waan jiru sitti fakkaata?
Barreeffamicha Kennuuf: Barruun kun dargaggoonni umurii waggoota kurnanii keessa jiran dhukkuba dhiphinaa damdamachuu kan dandaʼanii akkamitti akka taʼe ibsa; akkasumas warri ijoollee isaanii akkamitti isaan gargaaruu akka dandaʼan ibsa.
DHUGAA BARSIISAA
Gaaffii: Gaaʼelli gammachuu akka qabaatu kan taasisu maali dha?
Caqasa: Efe 5:33
Dhugaa: Gaaʼelli jaalalaa fi wal kabajuu irratti kan hundaaʼe yoo taʼe ni dagaaga.
DAANDII JIREENYA BARABARAATTI GEESSU—ARGATTEETTAA? (ol)
Gaaffii: Namoonni hedduun dhaabbileen amantii hundi Waaqayyo duratti fudhatama qabu jedhanii amanu? Ati hoo maal sitti fakkaata?
Caqasa: Mat 7:13, 14
Barreeffamicha Kennuuf: Caqasni kun akka argisiisutti daandii lama qofatu jira: Inni tokko gara jireenyaatti, inni kaan immoo gara badiisaatti geessa. Birooshurri kun daandii gara jireenya bara baraatti geessu akkamitti argachuu akka dandeessu ibsa.
ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU
Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi