AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Ijoolleen Keessan Uumaa Irratti Amantii Cimaa Akka Qabaatan Gargaaraa
Uumamni ulfina Yihowaa hima. (Far 19:1-4; 139:14) Haa taʼu malee, addunyaan toʼannaa Diyaabiloos jala jiru garuu jireenyi akkamitti akka eegale ilaalchisee barumsawwan Waaqayyoof ulfina hin kennine babalʼisa. (Rom 1:18-25) Barumsawwan akkasii sammuu fi garaa ijoollee keessan keessatti hundee akka hin godhanne gochuu kan dandeessan akkamitti? Ijoollummaa isaaniitii kaasanii Yihowaan jiraachuu isaa akka amananii fi dhuunfaatti akka isaaniif yaadu akka hubatan gargaaraa. (2Qo 10:4, 5; Efe 6:16) Wantoota mana barumsaatti barataniif ilaalcha akkamii akka qaban isaan gaafadhaa; garaa isaanii tuquuf barreeffamoota jiran hundatti fayyadamaa.—Fak 20:5; Yaq 1:19.
VIIDIYOO HIRIYOONNI KEE MAAL JEDHU?—WAAQAYYOTTI AMANUU JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN DHIHAATAN IRRATTI MARIʼADHAA:
Waaqayyoon ilaalchisee sobni balʼinaan dubbatamu maali dha?
Mana barumsaa keessanitti maaltu barsiifama?
Yihowaan akka jiru maaltu si amansiise?
Namni tokko Waaqayyoo wanta hunda akka uume akka hubatu gochuuf maaltu si gargaara?