Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ISAAYAAS 52-57

Kiristoos Nuuf Jedhee Dhiphate

Kiristoos Nuuf Jedhee Dhiphate

“Namoonni isa tuffatanii isa irraa in goran . . . nuyi . .  akka waan Waaqayyo dhaʼicha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne”

53:3-5

  • Yesuus tuffatameera; himanni ‘Waaqayyoon arrabseera’ jedhus isa irratti dhihaateera. Warri tokkoo tokko immoo, Waaqayyo dhaʼicha hamaa isatti fidee isa adabaa jira jedhanii yaadanii turan

‘Waaqayyo, isa caccabsuun jaalala isaa taʼeera, jaalalli Waaqayyoos karaa isaa in raawwatama’

53:10

  • Yihowaan, Ilmi isaa ajjeefamu isaa yommuu argu baayʼee akka gaddu homaa hin shakkisiisu. Taʼus, Yesuus guutummaatti amanamaa akka taʼe yommuu argisiisu gammadeera. Duuti Yesuus gaaffii Seexanni amanamummaa tajaajiltoota Yihowaa irratti kaase deebii akka argatu godheera; ilmaan namootaa warra yaada jijjiirrataniifis eebba argamsiiseera. Karaa kanaanis ‘Jaalalli Waaqayyoo’ akka raawwatamu godheera