Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ISAAYAAS 58-62

‘Waggaa Waaqayyo Biratti Jaallatamee Fudhatame Labsaa’

‘Waggaa Waaqayyo Biratti Jaallatamee Fudhatame Labsaa’

“Waggaa Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame” kallattiidhaan waggaa kan argisiisu miti

61:1, 2

  • Waggaan kun, waggaa namoonni garaa qajeelaa qaban bilisummaa Yihowaan labsuu irraa faayidaa akka argataniif carraa itti isaaniif bane argisiisa

  • Jaarraa jalqabaatti waggaan Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame kun kan jalqabe, Dh.K.B. bara 29 yeroo Yesuus tajaajila isaa jalqabetti yommuu taʼu, Dh.K.B. bara 70tti hanga Yerusaalem ‘guyyaa Waaqayyo itti ijaa baafatuʼitti’ balleeffamtetti itti fufeera

  • Bara keenyatti, guyyaan jaallatame kun bara 1914tti yommuu Yesuus samii irratti mootii taʼetti kan jalqabe siʼa taʼu, kan xumuramu immoo yeroo rakkinaa isa guddaatti dha

Yihowaan “qilxuu qajeelinaa” kennuudhaan saba isaa eebbisa

61:3, 4

  • Mukeetii addunyaa irratti argaman keessaa yeroo baayʼee mukeetii guguddaan kan biqilan bosona mukeetiin itti wal deggeran keessatti dha

  • Hiddi isaanii wal keessa lixee waan wal hidhuuf qilleensa guddaa illee damdamachuu ni dandaʼu

  • Mukeetiin guguddaan kun warra rakkataniif gaaddidduu taʼu; baalawwan mukeetii kana irraa harcaʼan immoo, biyyoon jala isaatti argamu akka gabbatu godhu

Miseensonni gumii Kiristiyaanaa addunyaa maratti argaman hundi, dibamtoota lafa irratti hafanii fi “qilxuu qajeelinaa” taʼan irraa gargaarsaa fi eegumsa argatu