Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ISAAYAAS 63-66

Bantiiwwan Waaqaa Haaraanii fi Lafti Haaraan Gammachuu Guddaa Argamsiisu

Bantiiwwan Waaqaa Haaraanii fi Lafti Haaraan Gammachuu Guddaa Argamsiisu

Raajiin Isaayaas boqonnaa 65 irratti argamu haaromsa ilaalchisee abdiin Yihowaan kenne raawwatamuun isaa waan hin hafneef, Yihowaan akka waan abdiin kun raawwatameetti dubbateera

Yihowaan bantiiwwan waaqaa haaraa fi lafa haaraa wanti dur taʼe itti hin yaadatamne, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufne uuma

65:17

Bantiiwwan waaqaa haaraan maali dha?

  • Bulchiinsa haaraa lafa irratti nagaan akka dagaagu taasisu dha

  • Bulchiinsi kun kan hundeeffame bara 1914tti yeroo Kiristoos Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee teessoo isaa irra taaʼetti dha

Lafti haaraan maali dha?

  • Hawaasa saba hundumaa, afaan hundumaa gosa hundumaa keessaa dhufee fi bulchiinsa haaraa samii irratti hundaaʼeef gammachuudhaan bitamu argisiisa

Wanti dur taʼee darbee fi yaada namaa keessa hin dhufne maali dha?

  • Wantoonni qaama, sammuu fi miira namootaa irratti miidhaa geessisanii fi yaadannoo gadhee taʼan hundi ni badu

  • Ilmaan namootaa amanamoo taʼan gammachuu guutuu argatu, guyyaadhaa gara guyyaatti yaadannoo gammachiisaa qabaatu