Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ISAAYAAS 47-51

Yihowaadhaaf Ajajamuun Eebba Argamsiisa

Yihowaadhaaf Ajajamuun Eebba Argamsiisa

48:17

  • Yihowaan gammadoo akka taanu waan barbaaduuf, jaalalaan kakaʼee ‘karaan irra deemuu’ qabnu nutti argisiisa. Isaaf kan ajajamnu yoo taʼe ni fayyadamna.

“Nagaan kee akka laga bishaanii in yaaʼa”

48:18

  • Yihowaan nagaa akka laga bishaan yeroo hunda yaaʼu akka argannu waadaa nuuf galeera

“Qajeelummaan kees akka guuboo galaanaa ol in kaʼa”

  • Hojiin keenya inni qajeelummaa irratti hundaaʼe akka dhaʼaa galaanaa ol kaʼuu kan hin lakkaaʼamne taʼa