Maalaawwiitti obboloonni Walgaʼii Naannootiif dhufan galgala tokkootti sagantaa JW Broadcasting waliin ilaalaa jiru

BARREEFFAMA QO'ANNAA WALGA'II JIREENYAA FI TAJAAJILA KIRISTIYAANAA Sadaasa 2019

Maree Fakkeenya Taˈu

Maree fakkeenya taˈuu fi waaˈee kaayyoo jireenyaa fi waadaa Waaqni wanta gara fuulduraatti raawwachuuf gale dubbatu.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Addunyaas Taʼe Wantoota Addunyaa Keessa Jiran hin Jaallatinaa

Addunyaanis taˈe wanti addunyaa keessa jiru Yihowaa irraa akka nu hin fageessine of eeggachuuf maaltu nu gargaaruu dandaˈa?

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yeroo Cidha Gaaʼelaa Qopheessuuf Karoorfattanitti Dhiibbaa Addunyaa Irraa Of Qusadhaa

Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu namoota wal fudhuuf guyyaa cidha gaaʼelaa isaanii ilaalchisee karoora baafatan qalbii qulqulluu akka qabaatanii fi karaa gaabbii hin qabneen akka dabarsan isaan gargaaran kamfaʼi?

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Dhugaa Keessa Jiraachuuf Jabaannee Loluu Qabna

‘Amantiidhaaf jabaannee loluu’ kan dandeenyu akkamitti?

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

“Ani Hojii Kee . . . Beeka”

Yesuus wanta gumii hundumaa keessatti raawwatamu beeka, akkasumas wanta qaamni jaarsolii raawwatan guutummaatti hordofa.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan Wanta Nu Barbaachisu Beeka

Walgaʼiin naannoo hundi barumsa baayʼee nu barbaachisu qabaateera kan jennu maaliifi? Walgaʼiin torban gidduutti goonu kan nama jajjabeessuu fi qabxii hojiirra ooluu dandaʼu akka qabaatu wanti godhu maalidha?

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Abboota Fardeenii Gulufan Arfan

Yeroo harʼaatti wanta guluffiin abboota fardeenii arfan kanaa fakkeenyaan argisiisu dhugaa baʼaa jirra. Guluffiin isaanii maal argisiisa?

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan Nama Gammachuudhaan Kennu Jaallata

Hojii Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keessattis taʼe addunyaa maratti raawwatamu deggeruuf malawwan buusii isaan kamitti fayyadamuu dandeenya?