Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 YOHAANNIS 1-13; 3 YOHAANNIS 1-14YIHUDAA 1-25

Dhugaa Keessa Jiraachuuf Jabaannee Loluu Qabna

Dhugaa Keessa Jiraachuuf Jabaannee Loluu Qabna

Yihudaa 3

Yesuus gorsa, “Balbala isa dhiphaadhaan ol seenuuf dhamaʼaa” jedhu kenneera. (Lu 13:24) Wanti Yesuus dubbate Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf qabsoo fi carraaqqii guddaa gochuu akka qabnu argisiisa. Yihudaa inni obboleessa Yesuus taʼe hafuuraan geggeeffamee, ‘amantiidhaaf jabaadhaa lolaa’ jechuudhaan yaaduma wal fakkaatu barreesseera. Wantoota armaan gadii raawwachuuf utuu walii irraa hin kutin carraaqqii gochuun barbaachisaadha:

  • Halalummaa irraa fagaachuuf.—Yih 6, 7

  • Warra itti gaafatamummaa irra jiran kabajuuf.—Yih 8, 9

  • Amantaa barumsawwan Kiristiyaanaa, jechuunis “amantii [keenya] isa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe” irratti qabnu jabeeffachuuf.—Yih 20, 21