Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MULʼATA 1-3

“Ani Hojii Kee . . . Beeka”

“Ani Hojii Kee . . . Beeka”

1:20; 2:1, 2

  • “Urjiiwwan torban”: Jaarsolii dibamtoota taʼanii fi jaarsolii kaan hundas kan dabalatu dha

  • ‘Harka mirgaa Yesuus keessa’: Urjiileen kun guutummaatti toʼannaa, humnaa fi qajeelfama Yesuus jala jiru. Qaama jaarsolii keessaa namni tokko sirreeffamni kan isa barbaachisu yoo taʼe, Yesuus kana kan argu taʼuu isaa irra iyyuu yeroo fi karaa ofii isaatii murteesseen sirreeffama kana raawwata

  • “Baattuuwwan ibsaa warqii torban”: Gumiiwwan Kiristiyaanaa. Akkuma baattuuwwan ibsaa godoo qulqullaaʼaa keessa jiran ifa calaqqisiisan, gumiiwwan Kiristiyaanaas ifa dhugaa Waaqayyo biraa dhufe calaqqisiisu. (Mat 5:14) Yesuus sochii gumiiwwan hundaa toʼachuuf baattuuwwan ibsaa sana ‘gidduu deddeebiʼa’