Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan Wanta Nu Barbaachisu Beeka

Yihowaan Wanta Nu Barbaachisu Beeka

Hojjetaan amanamaa fi ogeessi “yeroo sirrii taʼetti” nyaata nuuf kenna; kun immoo Yihowaan inni hojjetaa sana geggeessu wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu akka beeku argisiisa. (Mat 24:45) Wantoota kana keessaa, walgaʼiiwwan naannoo keenyaa fi walgaʼii torban gidduutti goonu akka fakkeenyaatti caqasuu dandeenya.

VIIDIYOO GABAASA KOREE BARUMSAA KAN BARA 2017 JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Walgaʼiiwwan naannoo yeroo sirrii taʼetti nuuf qophaaʼaniif galateeffamuu kan qabu eenyu dha? Maaliif?

  • Hojiin walgaʼii naannoo kan jalqabu yoomi?

  • Mata dureewwan walgaʼii naannoo kan filataman akkamitti?

  • Walgaʼiiwwan naannoo qopheessuun maalfaa dabalata?

  • Malli qoʼannaa mana barumsaa Giilʼaad, barumsawwan walgaʼiiwwan torban gidduutti godhaman qopheessuuf hojii irra kan oolu akkamitti?

  • Kutaawwan Betʼel adda addaa barreeffama qoʼannaa walgaʼii qopheessuuf waliin kan hojjetan akkamitti?

Qophii Yihowaan amantiin keenya cimee akka itti fufu gochuuf nuu kennuuf maaltu sitti dhagaʼama?