Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan Nama Gammachuudhaan Kennu Jaallata

Yihowaan Nama Gammachuudhaan Kennu Jaallata

Lammaffaan Qorontos 9:7, “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf, namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin, akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu” jedha. Yeroo ammaatti hojii Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keessattis taʼe addunyaa maratti raawwatamu deggeruuf malawwan mijatoo intarneetiidhaan buusii gochuu itti dandeenyu adda addaan jiru.

VIIDIYOO AKKAATAA MEESHAA ELEKTIROONIKSIITIIN BUUSII GOCHUU ITTI DANDEENYU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Filannoowwan biyyaa keenya keessatti buusii gochuuf nu gargaaran beekuuf odeeffannoo isaa eessaa argachuu dandeenya?

  • Namoonni tokko tokko meeshaa elektirooniksiin buusii gochuudhaan faayidaa kan argatan akkamitti?

  • Karaawwan buusii gochuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?

  • Malawwan elektirooniksii haaraa taʼan kanatti akkamitti itti fayyadamuu akka dandeenyu hin beeknu yoo taʼe maal gochuu dandeenya?