Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yeroo Cidha Gaaʼelaa Qopheessuuf Karoorfattanitti Dhiibbaa Addunyaa Irraa Of Qusadhaa

Yeroo Cidha Gaaʼelaa Qopheessuuf Karoorfattanitti Dhiibbaa Addunyaa Irraa Of Qusadhaa

Kiristiyaanonni cidha gaaʼelaa isaanii qopheessuuf karoorfatan tokko murtoowwan hedduu murteessuun isaan barbaachisu qabu. Cidha gaaʼelaa qarshii hedduu baasisuu fi naannoo isaaniitti baramaa taʼe hordofuu akka qaban dhiibbaan akka isaan irratti godhamu isaanitti dhagaʼama taʼa. Michoonnii fi miseensonni maatiis cidhni gaaʼelaa maalfaa dabalachuu akka qabu ilaalchisee yaada mataa isaanii kennu taʼa. Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu Kiristiyaanota guyyaa cidha gaaʼelaa isaanii ilaalchisee karoora baafatan qalbii qulqulluu akka qabaatanii fi karaa gaabbii hin qabneen akka dabarsan isaan gargaaran kamfaʼi?

VIIDIYOO CIDHA GAAʼELAA YIHOWAADHAAF ULFINA FIDU JEDHAMU TAPHACHIISI; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Qajeelfamawwan armaan gadii Niikii fi Juliyaanaa kan gargaaran akkamitti?

  • Kaadhimamtoonni lamaan obboleessi hidhata amantii isaanii taʼee fi karaa hafuuraa gaˈumsa qabu ‘geggeessaa cidha’ isaanii akka taʼu filachuu kan qaban maaliifi?—Yoh 2:9, 10.

  • Niikii fi Juliyaanaan cidha isaanii ilaalchisee filannoo dhuunfaa gochuuf sababiiwwan akkamii qabu turan?

  • Sirna gaaʼelaa fi affeerraa ilaalchisee murtoo isa dhumaa gochuuf itti gaafatamummaa kan qabu eenyu dha?—w06 10/15 25 key. 10.