Walgaʼii irratti akka argaman namoota yommuu afeeran

BARREEFFAMA QO'ANNAA WALGA'II JIREENYAA FI TAJAAJILA KIRISTIYAANAA Onkoloolessa 2016

Ittiin Lixa

Ittiin lixa Dammaqaa! fi waraqaa afeerrii walgaʼiiwwan gumii; akkasumas dhugaa Kitaaba Qulqulluu yeroo duunu maal akka taanu ibsu. Fakkeenya kenname fayyadamii ittiin lixa mataa kee qopheessi.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

“Garaa Kee Guutuu Waaqayyoon Amanadhu”

Fakkeenyi boqonnaan 3 yoo Yihowaatti amanamne akka inni nu eebbisu mirkaneessa. Gara kee guutuu isatti akka amanamtu beekuu kan dandeessu akkamitti?

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

‘Garaan Keessan Karaa Irraa hin Gorin’

Fakkeenyi 7 dargaggeessi garaan isaa qajeelfama Yihowaa irraa gore cubbuu hojjechuuf akkamitti akka qorame ibsa. Dogoggora isaa irraa maal baranna?

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Ogummaan Warqee Irra Wayya

Fakkeenyi boqonnaan 16 ogummaa qabaachuun warqee qabaachuu irra akka wayyu dubbata. Ogummaan Waaqayyo biraa argamu gatii guddaa akkasii kan qabu maaliifi?

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Deebii Gaarii Deebisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Deebii gaarii deebisuun nama deebii kennus taʼe gumicha ni fayyada. Deebiin tokko gaarii taʼuu isaa akkamitti beekna?

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Namootaa Wajjin Nagaadhaan Jiraadhaa

Nagaan saba Yihowaa gidduu jiru akkasumaan kan argame miti. Miira cimaa nutti dhagaʼamu moʼuu fi nagaadhaan jiraachuuf Dubbii Waaqayyootti fayyadamna.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

“Akka Itti Jiraachuun Ta’u Mucaa Barsiisi!”

Ijoollee sirriitti leenjisuuf adabni barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Fakkeenyi 22 warraaf gorsa gaarii kenna.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Kaardii Teessoo JW.ORG Akka Gaariitti Fayyadamaa Jirtuu?

Namoonni Dubbii Waaqayyoo fi weebsaayitii keenya irratti akka xiyyeeffatan gargaaruuf carraa argattan hundatti kaardii teessootti fayyadamaa.