Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ittiin Lixa

Ittiin Lixa

DAMMAQAA!

Gaaffii: Namoonni tokko tokko Yesuus dhuguma kan jiraate taʼuu isaa ni shakku; tokko tokko immoo mirkanaaʼoo dha. Kaan immoo sirriitti beekuun hin dandaʼamu jedhu. Ati hoo maal sitti fakkaata?

Barreeffamicha Kennuuf: Barruun Dammaqaa! kun kana ilaalchisee ragaan jiru maal akka argisiisu ibsa.

DHUGAA BARSIISAA

Gaaffii: Yeroo duunu maal taana?

Caqasa: Yoh 11:11-14

Dhugaa: Namni tokko yommuu duʼu, jireenyaa ala taʼa. Kanaaf wanti duʼa booda jiru nu sodaachisuu hin qabu. Yesuus duʼa hirribaa wajjin wal fakkeesseera. Akkuma Alaazaariin “dammaqse,” michoonni keenya duʼaan dhabne deebiʼanii lafa irra akka jiraataniif isaan kaasa.—Iyoob 14:14.

WARAQAA AFEERRII WALGAʼIIWWAN GUMII (inv)

Barreeffamicha Kennuuf: Haasaa Kitaaba Qulqulluu kaffaltii malee dhihaatu irratti akka argamtu si afeeruun barbaada. Galma Mootummaa, jechuunis bakka waaqeffannaa keenya itti geggeessinutti dhihaata. [Waraqaa afeerrii walgaʼii kenniif, achiis saʼaatii fi bakka walgaʼiin Dilbataa itti godhamu itti argisiisi; mata duree haasaa sabaas itti himi.]

Gaaffii: Galma Mootummaa dhaqxee beektaa? [Barbaachisaa taanaan, viidiyoo Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhamu itti argisiisi.]

ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU

Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi.