Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAKKEENYA 7-11

‘Garaan Keessan Karaa Irraa hin Gorin’

‘Garaan Keessan Karaa Irraa hin Gorin’

Qajeelfamni Yihowaa eegumsa nuuf godha. Faayidaa irraa argachuuf garaa keenya keessatti iddoo guddaa kennuufii qabna. (Fak 7:3) Tajaajilaan Yihowaa garaan isaa karaa irraa akka goru yoo heyyame, tooftaa Seexanni nu gowwoomsuuf itti fayyadamuuf saaxilama. Fakkeenyi boqonnaan 7 waaʼee dargaggeessa garaan isaa akka isa gowwoomsu heyyamee dubbata. Dogoggora inni raawwate irraa barumsa akkamii arganna?

  • Seexanni qaamota miiraa keenya shananitti fayyadamee gocha dogoggoraa akka raawwannu nu sossobuudhaan, Yihowaa irraa nu fageessuuf yaala

  • Ogummaa fi hubannaan, miidhaa gocha dogoggoraa raawwachuun geessisu hubachuu fi balaa hafuuraa irraa fagaachuuf nu gargaara