AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Deebii Gaarii Deebisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
Deebii gaariin gumii ni ijaara. (Rom 14:19) Warra deebii deebisanis ni fayyada. (Fak 15:23, 28) Kanaaf, walgaʼii hunda irratti yoo xinnaate deebii tokko deebisuuf carraaquu qabna. Yeroo harka baasnu hundatti carraa argachuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Kanaaf, deebii garaa garaa qophaaʼuun gaarii dha.
Deebii gaariin . . .
-
salphaa, ifa kan taʼee fi gabaabaa dha. Yeroo baayʼee sekoondii 30 ykn isaa gad keessatti deebisamuu dandaʼa
-
jecha mataa keessaniin isa deebistani dha
-
isa duraan deebisame irra kan deebiʼame miti
Akka deebistuuf jalqaba irratti yoo gaafatamte . . .
-
gaaffii gaafatameef kallattiidhaan deebii salphaa kenni
Gaaffichi erga deebifamee booda, . . .
-
caqasni caqasame barumsa qoʼatamaa jiru akkamitti akka deggeru ibsi
-
dhimmichi jireenya keenya kan tuqu akkamitti akka taʼe ibsi
-
barumsichatti akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu ibsi
-
muuxannoo gabaabaa yaada ijoo isaa addeessu dubbadhu