Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAKKEENYA 12-16

Ogummaan Warqee Irra Wayya

Ogummaan Warqee Irra Wayya

Ogummaan Waaqayyoo gatii guddaa kan qabu maaliifi? Ogummaan namoota karaa hamaa irraa eegee lubbuudhaan akka jiraatan godha. Amala, dubbii fi gocha isaanii irratti dhibbaa gaarii geessisa.

Ogummaan of gurguddisuu irraa nama eega

16:18, 19

  • Namni ogeessi Maddi ogummaa hundaa Yihowaa akka taʼe ni hubata

  • Keessumaa namoonni milkaaʼina ykn itti gaafatamummaa dabalataa argatan of gurguddisuu fi of bokoksuu irraa of eeguu qabu

Ogummaan wanta gaarii akka dubbannu godha

16:21-24

  • Namni ogeessi hubannaatti fayyadamee amala gaarii namoota kaanii kan beeku siʼa taʼu, waaʼee isaanii wanta gaarii dubbata

  • Dubbiin ogummaadhaan dubbatamu, kan nama amansiisuu fi akka dammaa kan miʼaawu dha malee jabaa ykn falmii kan kaasu miti