“Garaa Kee Guutuu Waaqayyoon Amanadhu”
Garaa keenya guutuu Yihowaatti amanamuu qabna. Hiikni maqaa isaa, amanannaa dandeettii inni abdii kenne hunda raawwachuuf qabu irratti qabnu nuuf cimsa. Amanannaa Yihowaa irratti qabnu cimsachuuf kadhannaan barbaachisaa dha. Fakkeenyi boqonnaa 3 Yihowaan yoo isatti amanamne ‘daandii keenya nuuf qajeelchuudhaan’ akka nu eebbisu mirkaneessa.
Namni ogummaa qaba ofiin jedhu . . .
-
qajeelfama Yihowaa utuu hin gaafatin dursee murtoo godha
-
ilaalcha ofii isaatti ykn ilaalcha addunyaatti amanama
Namni Yihowaatti amanamu . . .
-
Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan, xiinxaluu fi kadhannaadhaan Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaata
-
murtoo yommuu godhu dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu qoruudhaan Yihowaan akka isa qajeelchu godha
TOKKOFFAA: Wanta gaarii akka taʼe natti dhagaʼamun filadha |
LAMMAFFAA: Yihowaan murtoo koo akka naaf eebbisuun kadhadha |
TOKKOFFAA: Kadhannaa fi qoʼannaa dhuunfaa gochuudhaan qajeelfama Yihowaan gaafadha |
LAMMAFFAA: Karaa dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin walsimun hordofa |