Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAKKEENYA 22-26

“Akka Itti Jiraachuun Ta’u Mucaa Barsiisi!”

“Akka Itti Jiraachuun Ta’u Mucaa Barsiisi!”

Kitaabni Fakkeenyaa warraaf gorsa gaarii kenna. Damee mukaa tokko xinnoo taʼee utuu jiruu karaa qabsiisuun guddina isaa irratti dhiibbaa gaarii akkuma geessisu, ijoollee leenjisuunis yeroo guddatan Yihowaa tajaajiluuf fedhii akka qabaatan gargaara.

22:6

  • Ijoollee sirriitti leenjisuun yeroo fi carraaqqii guddaa gaafata

  • Warri ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼuu qabu; akkasumas isaan barsiisuu, gorsuu, jajjabeessuu fi adabuu qabu

22:15

  • Adabbiin leenjii sammuu fi garaa sirreessuuf jaalala irratti hundaaʼee kennamu dha

  • Ijoolleen adabbiin garaa garaa isaan barbaachisa