Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Kaardii Teessoo JW.ORG Akka Gaariitti Fayyadamaa Jirtuu?

Kaardii Teessoo JW.ORG Akka Gaariitti Fayyadamaa Jirtuu?

Yeroo rakkinni guddaan dhihaate kanatti, hojiin lallabaa keenya ariifachiisaa dha. (Fak 24:11, 12, 20) Namoonni Dubbii Waaqayyoo fi weebsaayitii keenya irratti akka xiyyeeffatan gargaaruuf kaardii teessootti fayyadamuu dandeenya. Kaardiin kun koodii viidiyoo Macaafa Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi? jedhutti geessuu fi yaada odeeffannoo dabalataa ykn qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu akka gaafatan afeeru qabateera. Namoonni tokko tokko barreeffama keenya fudhachuu kan hin barbaanne taʼanis, weebsaayitii keenya daawwachuuf fedhii qabu. Kanaaf kaardii teessoo isaaniif kennuu irraa duubatti hin jedhinaa. Haa taʼu malee, namoota fedhii hin qabneef kaardii kana hin kenninaa.

Sochii guyyaa guyyaa keessatti akkana jechuudhaan fedhii namootaa kakaasuu dandeessu: “Wantan sii kennuu barbaadu tokkon qaba. Kaardiin kun gara weebsaayitii mata duree garaa garaa irratti odeeffannoo fi viidiyoo tola taʼe qabatee si geessa.” (Yoh 4:7) Kaardiin kun xinnoo waan taʼeef, carraa argattan hundatti namootaaf kennuuf muraasa harkatti qabachuu dandeessu.