Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Jaalalli Kiristiyaanota Dhugaa Adda Baasee Beeksisa—Dhugaatti Gammadaa

Jaalalli Kiristiyaanota Dhugaa Adda Baasee Beeksisa—Dhugaatti Gammadaa

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan, kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee dhugaadhaaf dhugaa baʼuu qabna. (Yoh 18:37) Kana malees, addunyaa sobaa fi jalʼinaan guutame keessa kan jiraannu taʼus, Dhugaa wajjin gammaduu, wanta dhugaa taʼe dubbachuu fi wanta dhugaa taʼe hunda yaaduu qabna.—1Qo 13:6; Flp 4:8.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Hamii nama miidhu dhaggeeffachuu ykn babalʼisuu dhiisuuf murteessi.—1Tas 4:11

  • Rakkina nama kan biraa irra gaʼetti hin gammadin

  • Wanta gaarii nama jajjabeessutti gammadi

VIIDIYOO ‘JAALALA WALIIF QABAADHAA’—DHUGAATTI GAMMADAA MALEE, JALʼINATTI HIN GAMMADINAA, JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIWWAN ARMAAN GADII DEEBISAA:

  • Dibooraan ‘jalʼinatti kan gammadde’ akkamitti?

  • Siinan haasaa Dibooraa wajjin goote gara haasaa gaarii taʼetti kan jijjiirte akkamitti?

  • Wantoonni gaggaariin waaʼee isaanii haasaʼuu dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?

Dhugaa wajjin gammadaa malee, jalʼinatti hin gammadinaa