Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | YOHAANNIS 18-19

Yesuus Dhugaadhaaf Dhugaa Baʼeera

Yesuus Dhugaadhaaf Dhugaa Baʼeera

18:36-38a

Yesuus kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee dhugaadhaaf dhugaa baʼeera

  • DUBBIIDHAAN: Inni dhugaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsu hinaaffadhaan lallabeera

  • HOJIIDHAAN: Akkaataan jireenyaa isaa raajiin dubbii Waaqayyoo dhugaa taʼuu isaa mirkaneesseera

Barattoota Yesuus waan taaneef, nutis dhugaadhaaf dhugaa baana

  • DUBBIIDHAAN: Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo isa hundeeffamee fi Kiristoos Mootii irratti taʼe, yeroo namoonni nutti qoosanitti illee hinaaffadhaan ni lallabna

  • HOJIIDHAAN: Siyaasa irraa walaba taʼuu fi amala Waaqayyo biratti fudhatama qabu argisiisuudhaan aangoo Yesuus Mootii taʼuudhaan qabu akka deggerru ni argisiisna