Onkoloolessa 8-14
YOHAANNIS 11-12
Faarfannaa 16 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Gara Laafina Argisiisuu Irratti Fakkeenya Yesuus Hordofaa”: (Daq. 10)
Yoh 11:23-26—Yesuus jechoota nama jajjabeessan Maartaatti dubbateera (nwtsty-AM qabxiiwwan qoʼannaa Yoh 11:24, 25)
Yoh 11:33-35—Yesuus Maariyaamii fi namoonni kaan yommuu booʼan yeroo argu miirri isaa baayʼee jeeqamee ture (nwtsty-AM qabxiiwwan qoʼannaa)
Yoh 11:43, 44—Yesuus namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruuf tarkaanfii fudhateera
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
Yoh 11:49—Qayyaafaan luba ol aanaa akka taʼu eenyutu isa muude? Aangoo kana irra hoo yeroo hammamiitiif ture? (nwtsty-AM qabxii qoʼannaa)
Yoh 12:42—Yihudoonni tokko tokko Yesuus, Kiristoos akka taʼe amanuu isaanii ifatti beeksisuu kan sodaatan maaliifi? (nwtsty-AM qabxiiwwan qoʼannaa)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Yoh 12:35-50
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Dhugaa Baʼuu: (Daq. 2 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼutti fayyadami.
Deddeebii Gaaffii Jalqabaa—Viidiyoo: (Daq. 5) Viidiyicha taphachiisiitii irratti mariʼadhaa.
Haasaa: (Daq. 6 ykn isaa gad) w13 9/15 32—Mata duree: Yesuus, Alaazaar Duʼaa Kaʼuu Isaa Dura Imimmaan Isaa kan Dhangalaase Maaliifi?
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yesuus ‘Duʼaa Kaʼuu fi Jireenya’ Dha (Yoh 11:25): (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo ‘Waaqayyo Gooftaa fi Kiristoos Isa Godhe’— Kutaa 2, jedhamu irraa fudhatame taphachiisi. Achiis dhaggeeffattoota gaaffiiwwan armaan gadii isaan gaafadhu: Seenaan kun waaʼee gara laafina Yesuus maal nu barsiisa? Yesuus ‘duʼaa kaʼuu fi jireenya’ kan taʼe akkamitti? Gara fuulduraatti Yesuus dinqiiwwan akkamii raawwata?
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) jy boq. 21
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 98 fi Kadhannaa