Onkoloolessa 19-25
BAʼUU 35-36
Faarfannaa 92 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 1)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Hojii Yihowaa Raawwachuuf Qophaaʼoo Taʼuu”: (Daq. 10)
Bau 35:25, 26—Yihowaan sabni isaa fedhiidhaan kennuu isaaniitiin isaan eebbiseera (w14 12/15 4 key. 4)
Bau 35:30-35—Hafuurri qulqulluun Bazaaliʼelii fi Aholiiyab ‘waan hundumaa hojjechuu’ akka dandaʼan isaan gargaareera (w11 12/15 19 key. 6)
Bau 36:1, 2—Hojii isaan hojjetaniif Yihowaan galateeffamuun isaa sirrii ture (w11 12/15 19 key. 7)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 10)
Bau 35:1-3—Seera Sanbata ilaalchisee kenname irraa maal barachuu dandeenya? (w05-AM 5/15 23 key. 14)
Bau 35:21—Arjummaan Israaʼeloonni argisiisan fakkeenya guddaa kan nuuf taʼu akkamitti? (w00-AM 11/1 29 key. 2)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa Yihowaa, tajaajila dirree ykn qabxii kan biraa ilaalchisee barumsa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Bau 35:1-24 (th qoʼannaa 11)
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Dhugaa Baʼuu: (Daq. 3 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼutti fayyadami. (th qoʼannaa 11)
Deddeebii Gaaffii: (Daq. 4 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼuun jalqabi. Nama haasofsiistu sanatti weebsaayitii keenya argisiisi, achiis kaardii teessoo jw.org kenniif. (th qoʼannaa 4)
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 5 ykn isaa gad) bhs 26 key. 18-20 (th qoʼannaa 19)
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Gabaasa Koree Maxxansaa 2018: (Daq. 15) Viidiyicha taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu: Jaarmiyichi hojii maxxansaa keenya irratti jijjiiramawwan akkamii taasiseera? Maaliif? Barreeffamni maxxanfamu hirʼifamuu isaatiin maal gochuun dandaʼameera? Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan qopheessuu irratti hojiin hiikkaa shoora guddaa akkamii taphachaa jira? Barreeffamoota bifa elektiroonikiitiin qophaaʼanii fi viidiyoowwan jiraachuu isaaniitiin eebbawwan akkamii argamaniiru?
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30 ykn isaa gad) jy boq. 133 fi 134
Yaada Xumuraa (Daq. 3 ykn isaa gad)
Faarfannaa 137 fi Kadhannaa