Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 35-36

Hojii Yihowaa Raawwachuuf Qophaaʼoo Taʼuu

Hojii Yihowaa Raawwachuuf Qophaaʼoo Taʼuu

35:25, 26, 30-35; 36:1, 2

Hafuurri Yihowaa Bazaaliʼelii fi Aholiiyab akkuma pilaanii balʼinaan ibsametti godoo qulqullaaʼaa akka ijaaran isaan gargaareera. (Fakkii fuula jalqabaa irra jiru ilaali.) Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaas hafuura Yihowaa isa humna guddaa qabu argachuu ni dandaʼu. Maarree faayidaa irraa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinu irratti dandeettii keenya caalaatti guddifachuu akka dandeenyuuf hafuura qulqulluu isaa akka nuuf kennu kadhachuu qabna

  • Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame dhimminee qoʼachuu qabna

  • Hojii nuuf kenname kam iyyuu raawwachuuf wanta nuuf dandaʼamu hunda gochuu qabna

Yihowaan hojiiwwan akkamiitiif si qopheessuu dandaʼa?