Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 37-38

Gaʼee Iddoowwan Aarsaa, Godoo Qulqullaaʼaa Waaqeffannaa Dhugaa Keessatti Qaban

Gaʼee Iddoowwan Aarsaa, Godoo Qulqullaaʼaa Waaqeffannaa Dhugaa Keessatti Qaban

37:25, 29; 38:1

Iddoowwan aarsaa godoo qulqullaaʼaa kan ijaaraman akka qajeelfama Yihowaan kennetti yeroo taʼu, hiika addaa kan qaban turan.

  • Yihowaan akkuma urgaan ixaana ogummaadhaan walitti makamee qophaaʼuu isa gammachiisu, kadhannaan fudhatama qabuu fi tajaajiltoonni isaa dhiheessanis isa gammachiisa

  • Yihowaan aarsaawwan iddoo aarsaa irratti dhihaatan ni fudhata ture. Iddoon isaa godoo qulqullaaʼaa fuuldura taʼuun isaa, Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf aarsaa furii Yesuus irratti amantii qabaachuun barbaachisaa taʼuu isaa nu yaadachiisa.—Yoh 3:16-18; Ibr 10:5-10

Kadhannaan keenya Waaqayyo duratti akkuma ixaana qopheeffamee akka taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti?—Far 141:2