Onkoloolessa 5-11
BAʼUU 31-32
Faarfannaa 45 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 1)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Waaqolii Tolfamoo Waaqeffachuu Irraa Baqadhaa”: (Daq. 10)
Bau 32:1—Haalli rakkisaan nu mudachuun isaa waaqolii kan biroo tajaajiluuf sababii hin taʼu (w09 5/15 11 key. 11)
Bau 32:4-6—Israaʼeloonni waaqeffannaa dhugaa fi waaqeffannaa sobaa waliin makaniiru (w12 10/15 25 key. 12)
Bau 32:9, 10—Aariin Yihowaa Israaʼeloota irratti bobaʼeera (w18.07 20 key. 14)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 10)
Bau 31:17—Yihowaan guyyaa uumamaa torbaffaatti boqoteera jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? (w19.12 3 key. 4)
Bau 32:32, 33—Yaanni “namni takkaa fayye, yeroo hundumaaf fayyeera” jedhu barumsa sobaa taʼuu isaa akkamitti beekna? (w87-E 9/1 29)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa Yihowaa, tajaajila dirree ykn qabxii kan biraa ilaalchisee barumsa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Bau 32:15-35 (th qoʼannaa 10)
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Dhugaa Baʼuu—Viidiyoo: (Daq. 4) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyicha erga taphachiistee booda gaaffiiwwan armaan gadii dhaggeeffattoota gaafadhu: Bashaatuun gaaffiiwwanitti akka gaariitti kan fayyadamte akkamitti? Deddeebii gaaffiitiif haala kan mijeessite akkamitti?
Dhugaa Baʼuu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼuun jalqabi. Achiis viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi? jedhamu erga beeksistee booda (garuu viidiyicha hin taphachiisin) irratti mariʼadhaa. (th qoʼannaa 9)
Haasaa: (Daq. 5 ykn isaa gad) w10 5/15 21—Mata Duree: Yihowaan Aaron Dibicha Warqee Tolchuusaatti Utuu Isa hin Adabin kan Hafe Maaliifi? (th qoʼannaa 7)
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Hariiroo Yihowaa Wajjin Qabdaniif Bakka Guddaa Kennaa”: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo Hariiroo Yihowaa Wajjin Qabdan Eeggadhaa (Qol 3:5) jedhamu taphachiisi.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30 ykn isaa gad) jy boq. 128, 129, 130 fi saanduqa ful. 294
Yaada Xumuraa (Daq. 3 ykn isaa gad)
Faarfannaa 15 fi Kadhannaa