Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 31-32

Waaqolii Tolfamoo Waaqeffachuu Irraa Baqadhaa

Waaqolii Tolfamoo Waaqeffachuu Irraa Baqadhaa

32:1, 4-6, 9, 10

Yaanni warri Gibxii waaqolii tolfamoo waaqeffachuuf qaban ilaalcha Israaʼelootaa irratti dhiibbaa geessisee taʼuu hin oolu. Yeroo harʼaatti, waaqa tolfamaa waaqeffachuun bifa adda addaa qabaachuu dandaʼa; tokko tokko hubachuuf rakkisaa dha. Kallattiidhaan waaqolii tolfamoo waaqeffachuu baannus, fedhiiwwan ofittummaa lubbuu guutuudhaan Yihowaa akka hin waaqeffanne gufuu akka nutti taʼu heyyamuudhaan waaqolii tolfamoo kan waaqeffannu taʼuu dandeenya.

Sochiiwwan jireenya guyyaa guyyaa Yihowaa akka hin waaqeffanne gufuu natti taʼuu dandaʼan kamfaʼi? Sochiiwwan kun hoo akka na hin toʼanne gochuu kanan dandaʼu akkamitti?