Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ittiin Lixa

Ittiin Lixa

MASARAA EEGUMSAA

Gaaffii: Namni tokko samiin maal fakkaata jedhee utuu si gaafatee maal jettee deebista?

Caqasa: Yoh 8:23

Barreeffamicha Kennuuf: Barruun Masaraa Eegumsaa kun wanta Yesuusii fi Abbaan isaa samii ilaalchisee ibsan qabateera.

DHUGAA BARSIISAA

Gaaffii: Raajiin Kitaaba Qulqulluu kun wanta bara keenyatti taʼaa jiru waan dubbatu sitti hin fakkaatuu?

Caqasa: 2Xi 3:1-5

Dhugaa: Raajiin Kitaaba Qulqulluu guyyoota dhumaa ilaalchisee dubbatame raawwatamaa waan jiruuf, raajiiwwan gara fuulduraatti yeroo gaariin akka dhufu dubbatamanis akka raawwataman amanuu ni dandeenya.

MACAAFA QULQULLUU QAYYABACHUU KAN QABNU MAALIIFI? (Viidiyoo)

Ittiin Lixa: Viidiyoo gabaabaa gaaffiiwwan guguddaa namoonni gaafataniif eessaa deebii argachuu akka dandeenyu ibsu namootatti argisiisaa jirra. [Viidiyicha taphachiisi.]

Barreeffamicha Kennuuf: Kitaabni kun Waaqayyo rakkina addunyaatiif akkamitti furmaata akka kennu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu ibsa. [Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu ykn Maal Nu Barsiisa? jedhamu kenniif.]

ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU

Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi