Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dargaggootaa—‘Balbala Balʼaa’ Isiniif Banameen Ol Seenuu Irraa Duubatti hin Jedhinaa

Dargaggootaa—‘Balbala Balʼaa’ Isiniif Banameen Ol Seenuu Irraa Duubatti hin Jedhinaa

Yeroon dargaggummaa keenya akka itti fufuu fi addunyaa Seexanaa kana keessatti “barri hamaan” dullumaa wajjin wal qabatee dhufu matumaa nu irra hin gaʼu jennee yaanna taʼa. (Lal 12:1) Dargaggeessa yoo taate, galmawwan hafuuraa kan akka tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuuf yeroo hedduu akka qabdu beektaa?

Dargaggoota dabalatee hundumti keenya ‘wantoonni akka tasaa uumaman’ nu mudatu. (Lal 9:11, NW) ‘Jireenyi keessan bor maal akka taʼu hin beektan.’ (Yaq 4:14) Kanaaf, galmawwan hafuuraa baafachuu irraa duubatti hin jedhinaa. ‘Balballi balʼaan tajaajilaaf carraa isiniif argamsiisu’ banamee utuu jiruu itti seenaa. (1Qo 16:9) Akkana gochuu keessaniin hin gaabbitan.

Galmawwan hafuuraa baafachuu dandeessan:

  • Afaan kan biraatiin lallabuu

  • Qajeelchaa taʼuu

  • Manneen barumsaa tiʼookraasii irratti hirmaachuu

  • Tajaajila hojii ijaarsaa

  • Tajaajila Betʼel

  • Hojii daawwannaa

GALMAWWAN KOO: