Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

‘Abbaan Manaa Ishii Yaa’ii Karra Mandaraa Keessatti Ulfina Qaba’

‘Abbaan Manaa Ishii Yaa’ii Karra Mandaraa Keessatti Ulfina Qaba’

Haati manaa mana ishii qabuu dandeessu abbaa manaa ishiitiif ulfina argamsiisti. Bara Lemuʼel Mootichaatti abbaan manaa haadha manaa mana ishii qabuu dandeessu qabu ‘yaaʼii karra mandaraa keessatti ulfina qaba’ ture. (Fak 31:23) Yeroo ammaatti immoo dhiironni kabajamoon jaarsolii fi tajaajiltoota gumii taʼanii tajaajilu. Gaaʼela kan qaban yoo taʼan, tajaajilli isaanii harka caalaa amala gaarii fi deggersa haadhotii manaa isaanii irratti kan hundaaʼe dha. (1Xi 3:4, 11) Haadhotiin manaa mana isaanii qabuu dandaʼan abbootii manaa isaaniitiin qofa utuu hin taʼin gumii isaaniitiinis galateeffatamuu qabu.

Haati manaa mana ishii qabuu dandeessu haala armaan gadiitiin abbaa manaa ishii deggerti: