AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yeroo Ariʼatamni Isinirra Gaʼu Gammadaa
Kiristiyaanonni ariʼatamni akka isaanirra gaʼu ni eegu. (Yoh 15:20) Ariʼatamni hamma tokko yaaddoo, yeroo tokko tokkommoo gadda kan nurraan gaʼu taʼus yeroo jabaannee dandamannu gammadoo taʼuu dandeenya.—Mat 5:10-12; 1Ph 2:19, 20.
VIIDIYOO GAMMADOO TAʼUU NI DANDEENYA—ARIʼATAMNI NU IRRA GAʼUS JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Muuxannoo obboleessa keenya Bazheenoov irraa wantoota armaan gadii gochuu ilaalchisee maal baratte?
-
Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu
-
Gargaarsa obboloota keenyaa fudhachuu a
-
Yeroo hunda kadhachuu
-
Faarfannaawwan Mootummichaa faarfachuu
-
Waaʼee amantii keenyaa dubbachuu
a Kiristiyaanota hidhamanii jiraniif maqaa isaanii caqasnee kadhachuufii dandeenya. Haa taʼu malee, waajjirri damee xalayaa dhuunfaadhaan isaaniif ergine isaaniif nuu geessuu hin dandaʼu.