Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan Kadhannaa Keenyaaf Iddoo Guddaa Kenna

Yihowaan Kadhannaa Keenyaaf Iddoo Guddaa Kenna

Kadhannaan fudhatama qabu ixaana urgaa gaarii qabuu fi yeroo hunda mana qulqullummaa keessatti Yihowaa duratti dhihaatu wajjin wal fakkaata. (Fr 141:2) Jaalalaa fi dinqisiifannaa qabnu, wanta nu yaaddessuu fi wanta barbaannu Yihowaatti himuudhaan, akkasumas qajeelfama akka nuu kennu kadhachuudhaan michummaa isa wajjin qabnuuf iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu dandeenya. Yihowaan kadhannaa gabaabaa walgaʼiiwwan keenyarratti dhihaatu kutaa waaqeffannaa keenyaa akka taʼetti akka ilaalu beekamaadha. Haa taʼu malee, kadhannaa dhuunfaatti dhiheessinurratti yaadaa fi miira keenya yeroo isaaf ibsinuu fi yeroo dheeraadhaaf yommuu kadhannu Yihowaan baayʼee gammada.—Fak 15:8.

VIIDIYOO KADHANNAADHAAF IDDOO GUDDAAN KENNA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboleessi keenya Joonsan mirgoota akkamii argateera?

  • Obboleessi keenya Joonsan kadhannaadhaan Yihowaatti akka amanamu kan argisiise akkamitti?

  • Muuxannoo obboleessa keenya Joonsanirraa maal baratte?