AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Harʼa Boru Jechuu Dhiisuuf Maaltu Nu Gargaara?
Namni harʼa boru jechuu amaleeffate wanta amma gochuu dandaʼu ykn raawwachuu qabu yeroo biraatti dabarsa. Yehuun mana Ahaab akka balleessu Yihowaan yeroo isa ajajetti harʼa boru hin jenne. (2Mo 9:6, 7, 16) Namoonni tokko tokko akkana jedhu: “Suutuma jedhee waggoota muraasa booda nan cuuphama.” “Dhiheenyatti Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuu nan jalqaba.” “Yeroon hojii gaarii argadhu qajeelchaa taʼuuf foormii nan guuta.” Kitaabni Qulqulluun waaqeffannaa keenyarratti harʼa boru jechuurraa akka of qusannu nu gargaara.
Caqasoonni armaan gadii harʼa boru jechuurraa fagaachuuf kan nu gargaaran akkamitti?