Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Kennaa”

“Kennaa”

Yesuus arjummaan namarraa namatti darbuu akka dandaʼu dubbateera. (Luq 6:38) Kennuu amaleeffachuun kee obboloonni fi obboleettonni kees gaarummaa fi arjummaa akka argisiisan kakaasuu dandaʼa.

Gammachuudhaan kennuun kutaa waaqeffannaa keenyaati. Yihowaan namoota Kiristiyaanota gargaarsi barbaachisutti arjummaa argisiisan ni ilaala, isaan eebbisuufis waadaa galeera.—Fak 19:17.

VIIDIYOO KENNUU KEESSANIIF ISIN GALATEEFFANNA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARGAMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Buusiin gootan obbolootaa fi obboleettota keessan gargaaruuf hojiirra oolaa kan jiru akkamitti?

  • Wanti kenninu guddaas taʼe xinnaa kennuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?—Mata duree jw.org irratti argamuu fi “Wanti Isaan Irraa Hafe Hirʼina Warra Kaanii Guuteera” jedhu ilaali.