AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Amanamummaa fi Yaada Keenya
Wanta dubbannuu fi wanta goonuun qofa utuu hin taʼin, wanta yaannuunis amanamummaa keenya argisiisuu qabna. (Fr 19:14) Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun wanta dhugaa, wanta ulfina qabu, wanta qajeelaa, wanta qulqulluu, wanta jaallatamaa, wanta maqaa gaarii qabu, wanta gaarii fi wanta galateeffamu hunda akka yaannu nu jajjabeessa. (Flp 4:8) Yaadawwan dogoggoraa gara sammuu keenyaa akka hin seenne yeroo hunda dhowwuu akka hin dandeenye beekamaadha. Haa taʼu malee, of toʼachuun yaadawwan dogoggoraa sammuu keenya keessaa baasnee yaadawwan gaggaarii taʼaniin akka bakka buusnu nu gargaara. Yaada keenyaan amanamoo taanee jiraachuun keenya, gocha keenyaanis amanamoo taanee jiraachuuf nu gargaara.—Mar 7:21-23.
Caqasoota armaan gadii irratti hundaaʼuudhaan, yaadawwan akkamii irraa fagaachuu akka qabnu barreessi: