Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Warri, Karaa Yihowaa Gammachiisuu Itti Dandaʼan Ijoollee Keessan Barsiisaa

Warri, Karaa Yihowaa Gammachiisuu Itti Dandaʼan Ijoollee Keessan Barsiisaa

Yihowaan ijoolleedhaaf iddoo guddaa kenna. Karaa hafuuraa guddina gochuu isaanii fi jabaatanii dhaabbachuu isaaniitiif xiyyeeffannaa kenna. (1Sa 2:26; Luq 2:52) Ijoollee xixinnoonillee, amala gaarii argisiisuudhaan garaa Yihowaa gammachiisuu dandaʼu. (Fak 27:11) Yihowaan jaarmiyaa isaatti fayyadamee, meeshaalee gaggaarii hedduu warri ijoollee isaanii Yihowaa jaallachuu fi isaaf ajajamuu akka barsiisan gargaaran qopheesseera.

VIIDIYOO DARGAGGOOTAA—JABAATTANII DHAABACHUUN KEESSAN YIHOWAA NI GAMMACHIISA! JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Yihowaan waggoota hedduudhaaf ijoollee gargaaraa fi qajeelfama isaaniif kennaa kan ture akkamitti?

  • Yeroo ammaatti meeshaaleen warra gargaaruuf qophaaʼan kamfaʼi?

  • Ijoollee yoo taatan, Yihowaan wanta isin fayyadu akkamii isinii kenneera? Maaliif?