AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Hamma Tokko Adda Baasaatii Kaaʼaa”
Buusiin fedhiidhaan goonu akka tasaa godhamuu hin qabu. Kanaa mannaa, akkuma Phaawulos ergamaan gorsetti yeroo hunda ‘hamma tokko adda baasnee kaaʼuu’ qabna. (1Qo 16:2) Gorsa geggeessaa hafuuraatiin kenname kana hojii irra oolchuun keenya waaqeffannaa qulqulluu akka deggeruu fi gammachuu akka argannu nu gargaara. Buusiin dhuunfaatti goonu baayʼee xinnoo akka taʼe yoo nutti dhagaʼamellee, Yihowaan qabeenya keenya isa gatii guddaa qabuun isaaf ulfina kennuuf fedhii qabaachuu keenya baayʼee dinqisiifata.—Fak 3:9.
VIIDIYOO HAMMA TOKKO ADDA BAASTANII KAAʼUU KEESSANIIF BAAYʼEE ISIN GALATEEFFANNA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Maallaqa buusii goonu ilaalchisee karoora baafachuun keenya faayidaawwan akkamii qaba?
-
Obboloonni tokko tokko ‘hamma tokko adda baasanii kaaʼuuf’ kan filatan akkamitti?