Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Kiyyoo Weebsaayitiin Hawaasaa Qabu Irraa Of Eeggadhu

Kiyyoo Weebsaayitiin Hawaasaa Qabu Irraa Of Eeggadhu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI: Akkuma meeshaalee kaanii weebsaayitiin hawaasaas nu fayyaduu ykn nu miidhuu dandaʼa. Kiristiyaanonni tokko tokko weebsaayitii hawaasaa fayyadamuu irra of qusachuu filataniiru. Kiristiyaanonni kaan immoo maatii fi michoota isaanii wajjin wal qunnamuuf weebsaayitii hawaasaatti fayyadamu. Haa taʼu malee, Diyaabilos weebsaayitii hawaasaatti karaa maqaa keenya balleessuun, akkasumas karaa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu miidhuun akka itti fayyadamnu barbaada. Akkuma Yesuus nutis dhugaawwan buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamanitti fayyadamnee balaa isaa hubachuudhaan irraa fagaachuu ni dandeenya.—Luq 4:4, 8, 12.

KIYYOO IRRAA FAGAACHUU QABNU:

  • Weebsaayitii hawaasaa saʼaatii dheeraa fayyadamuu. Saʼaatii dheeraa weebsaayitii hawaasaa fayyadamuudhaan dabarsuun, sochiiwwan hafuuraa akka hin raawwanne yeroo keenya nu jalaa fudhata

    Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: Efe 5:15, 16; Flp 1:10

  • Wantoota gaaffii kaasuu dandaʼan ilaaluu. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluun gara araada pornogiraafiitti ykn saalqunnamtii raawwachuutti nama geessu. Barreeffama ykn weebsaayitii gantootaa dubbisuun amantii nama tokkoo balleessa

    Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: Mat 5:28; Flp 4:8

  • Yaada ykn suuraa sirrii hin taane intarneetii irratti baasuu. Garaan namaa gowwoomsaa waan taʼeef, namni tokko yaada ykn suuraa sirrii hin taane weebsaayitii hawaasaa irratti baasuuf qoramuu dandaʼa. Haa taʼu malee, akkana gochuun maqaa nama tokkoo balleessuu fi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu miidhuu dandaʼa

    Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: Rom 14:13; Efe 4:29

VIIDIYOO WEEBSAAYITII HAWAASAA YEROO FAYYADAMTU HUBANNAA QABAADHU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA KIYYOOWWAN KANAA GADII IRRAA AKKAMITTI OF EEGUU AKKA DANDEESSAN MARIʼADHAA: