AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Faana Kiristoos Dhiheenyatti Hordofaa
Yesuus, keessumaa yeroo qorumsi ykn ariʼatamni nu irra gaʼutti fakkeenya hordofuu qabnu nuu kaaʼeera. (1Phe 2:21-23) Yesuus arrabsameera; taʼus rakkinni cimaan yeroo isa irra gaʼetti illee matumaa haaloo hin baane. (Mar 15:29-32) Jabaatee dhaabbachuuf maaltu isa gargaare? Fedhii Yihowaa raawwachuuf kutatee ture. (Yoh 6:38) Kana malees, “gammachuu isa dura jiru” irratti xiyyeeffatee ture.—Ibr 12:2.
Amantii keenyaan kan kaʼe karaa sirrii hin taaneen yeroo qabamnutti maal goona? Kiristiyaanonni dhugaan ‘hamaa hamaadhaan hin deebisan.’ (Rom 12:14, 17) Fakkeenya Kiristoos rakkina dandamachuudhaan kaaʼe yeroo hordofnutti, Waaqayyo biratti fudhatama waan argannuuf gammaduu ni dandeenya.—Mat 5:10-12; 1Phe 4:12-14.
VIIDIYOO MAQAAN YIHOWAA HUNDA CAALAA BARBAACHISAA DHA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN KANAA GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Obboleettiin Geertirut Pootsiingar * yommuu mana hidhaatti kophaa ishii hidhamtee turtetti yeroo ishii akka gaariitti kan fayyadamte akkamitti?
-
Obboleettiin teenya Geertirutii fi obboleessi keenya Maartiin Pootsiingar yeroo manneen hidhaa adda addaa keessa turanitti rakkina akkamii dandamataniiru?
-
Jabaatanii dhaabbachuuf maaltu isaan gargaare?
^ key. 6 Maqaan kun Pooyetsiingar jedhamees ni barreeffama.