Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaatti Maaltu Dhagaʼama?

Yihowaatti Maaltu Dhagaʼama?

Murtoo guddaas taʼe murtoo xinnoo gochuu keenya dura, ‘Yihowaatti maaltu dhagaʼama?’ jennee of gaafannaa? Wanta yaada Yihowaa keessa jiru hunda matumaa beekuu hin dandeenyu; taʼus Yihowaan Dubbii isaa keessatti wanta “hojii gaarii hundumaaf” hidhachuuf nu barbaachisu akka gaariitti nuuf ibseera. (2Xi 3:16, 17; Rom 11:33, 34) Yesuus fedha Yihowaa sirriitti kan hubate siʼa taʼu, jireenya isaa keessattis dursa isaaf kenneera. (Yoh 4:34) Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan, nutis murtoo Yihowaa gammachiisu gochuuf wanta nuuf dandaʼame hunda haa goonu.—Yoh 8:28, 29; Efe 5:15-17.

VIIDIYOO FEDHIIN YIHOWAA MAAL AKKA TAʼE HUBACHUU KEESSAN ITTI FUFAA (LEW 19:18) JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Jireenya keenya keessatti qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu kan qabu maaliifi?

  • Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu kamfaatu filannoo muuziqaa keenya irratti dhiibbaa gochuu qaba?

  • Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu kamfaatu filannoo akkaataa uffannaa keenyaa fi itti of miidhagsinu irratti dhiibbaa gochuu qaba?

  • jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu itti dandeenyu kan biroon kamfaʼi?

  • Dandeettii fedhii Yihowaa hubachuu irratti qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?

Murtoon koo hariiroo ani Yihowaa wajjin qabu ilaalchisee maal argisiisa?