Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Wanta Itti Bashannantan Ogummaadhaan Filadhaa

Wanta Itti Bashannantan Ogummaadhaan Filadhaa

Wanta itti bashannannu ogummaadhaan filachuu kan qabnu maaliifi? Fiilmii ilaallu, sirba dhaggeeffannu, weebsaayitii daawwannu, kitaaba dubbisnu ykn geemii viidiyoo taphannu yommuu filannu, wantoota gara sammuu keenyaatti galchinu filachaa jirra jechuu dha. Filannoon goonu immoo amala keenya irratti dhiibbaa godha. Kan nama gaddisiisu garuu, bashannanni yeroo harʼaatti argamu baayʼeen wantoota Yihowaan balaaleffatu of keessatti kan qabate dha. (Far 11:5; Gal 5:19-21) Kanaan kan kaʼes, Kitaabni Qulqulluun wantoota Yihowaadhaaf ulfina fidan yaaduu keenya akka itti fufnu nu gorsa.—Flp 4:8.

VIIDIYOO BASHANNANA AKKAMIIN FILACHUU QABA? JEDHU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Taphni gilaadiyaataroota Roomaa durii, bashannana ammayyaa yeroo harʼaatti argaman tokko tokkoo wajjin kan walfakkaatu akkamitti?

  • Obboloonni gumii keessa jiran, dargaggoonni wanta itti bashannanan ogummaadhaan akka filatan isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

  • Bashannana filannu ilaalchisee Roomaa 12:9 hojii irra oolchuu kan qabnu akkamitti?

  • Naannoo keessanitti bashannanawwan gaarii taʼan akkamiitu jira?