Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | GALAATIYAA 4-6

“Diraamaa Fakkeenyaan Ibsamee” fi Hiika Inni Nuuf Qabu

“Diraamaa Fakkeenyaan Ibsamee” fi Hiika Inni Nuuf Qabu

4:24-31

Phaawulos ergamaan “diraamaa fakkeenyaan ibsame” kanatti fayyadamee, kakuu haaraan kakuu Seerichaa irra baayʼee akka caalu ibseera. Ilmaan namootaa geggeessaa jaalala irratti hundaaʼe isa Kiristoosii fi warra isaa wajjin dhaalan jalatti, abdii cubbuu, mudaa, dhiphinaa fi duʼa irraa bilisa taʼuu qabaatu.—Isa 25:8, 9.

 

AGGAAR—DUBARTII GARBITTII TAATE

Kakuu Seerichaa jalatti magaalaan guddoo Israaʼel foonii Yerusaalem turte

“IJOOLLEE” AGGAAR

Yihudoonni (warri kakuu Seerichaatiif ajajamuuf waadaa galan) Yesuusiin ariʼataniiru, akkasumas isa tuffataniiru

KAKUU SEERICHAATIIF GARBOOMUU

Seerichi Israaʼeloonni foonii garboota cubbuu akka taʼan kan isaan yaadachiisu ture

SAARAA—DUBARTII BILISA TAATE

Yerusaalem ishii olii, jaarmiyaa Waaqayyoo kutaa isa samii irraa

“IJOOLLEE” SAARAA

Kiristoosii fi Kiristiyaanota hafuuraan dibaman 144,000

KAKUU HAARAAN BILISUMMAA ARGAMSIISA

Faayidaa aarsaan Kiristoos qabu irratti amantii qabaachuun garbummaa Seerichaa jalaa bilisa nu baasa