Yaaqoob 2:1-26
2 Yaa obboloota ko, isin amantii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa ulfina qabeessa taʼetti qabamtanii utuu jirtanii, karaa tokkoon immoo ni loogduu?
2 Sababiin isaas, namni quba isaatti qubeellaa warqii kaaʼatee fi uffata bareedaa uffate gara walgaʼii keessanii yoo seenee fi hiyyeessi uffata xuraaʼaa uffate tokkos yoo seene,
3 isa uffata bareedaa uffate sanaaf loogdanii, “Ati as iddoo bareedaa kana taaʼi,” isa hiyyeessa sanaan immoo, “Ati achi dhaabadhu” yookiin “Achi ejjeta miilla koo jala taaʼi” jettuu?
4 Kana kan gootan yoo taʼe, nama tokko isa kan biraa irra caalchisuu keessan, akkasumas abbootii murtii murtoo jalʼaa kennitan taʼuu keessan mitii?
5 Yaa obboloota ko jaallatamo, dhaggeeffadhaa. Waaqayyo amantiidhaan sooreyyii akka taʼanii fi Mootummaa isa inni warra isa jaallataniif abdachiise akka dhaalaniif namoota akka ilaalcha addunyaatti hiyyeeyyii taʼan hin filannee?
6 Isin garuu hiyyeeyyii salphistan. Warri isin cunqursanii fi harkisanii mana murtii isin dhaaban hoo sooreyyii mitii?
7 Maqaa gaarii isa isin ittiin waamamtan kan arrabsan isaan mitii?
8 Ammas akka yaadni Kitaaba Qulqulluu jedhutti, seera Mootichaa isa, “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jedhu hojii irra kan oolchitan yoo taʼe gaarii gochaa jirtu.
9 Looguu keessan yoo itti fuftan garuu, cubbuu hojjechuu keessan waan taʼeef, seerichi akka seera cabsitan godhee isinitti murteessa.*
10 Sababiin isaas namni tokko Seericha hunda eegee, ajaja tokkittii illee utuu hin eegin yoo hafe, inni Seericha hunda akka cabsetti ilaalama.
11 Inni “Hin ejjin” jedhe sun, “Hin ajjeesin” jedheera. Kanaaf, ejja kan hin raawwanne taatus, yoo ajjeeste seera cabsiteetta.
12 Akka namoonni seera warra bilisoomaniitiin isaanitti murteeffamuuf jiru dubbataniitti dubbachuu fi akka isaaniitti hojjechuu keessan itti fufaa.
13 Sababiin isaas namni gara laafina hin argisiisne gara laafina malee isatti murteeffama. Gara laafinni murtii irratti injifannoo argata.
14 Yaa obboloota ko, namni tokko amantii qaba kan jedhu taʼus, hojii gaarii hin hojjetu yoo taʼe maal isa fayyada? Amantiin sun isa fayyisuu ni dandaʼaa?
15 Obboleessi yookiin obboleettiin tokko uffataa fi nyaata gaʼaa guyyaa sanaaf isaan barbaachisu hin qaban yoo taʼe,
16 garuu isin keessaa tokko, “Nagaadhaan deemaa; isinitti haa hoʼu, quufaas” yoo isaaniin jedhee fi wanta qaama isaaniitiif barbaachisu yoo isaaniif kennuu baate maal isaan fayyada?
17 Haaluma wal fakkaatuun, amantiin hojiidhaan hin deggeramne mataa isaatti duʼaa dha.
18 Haa taʼu malee namni tokko, “Ati amantii qabda, ani immoo hojii qaba. Amantii kee hojii irraa addaan baasii natti argisiisi, ani immoo amantii koo hojiidhaan sitti nan argisiisa” jedha.
19 Ati Waaqni tokko akka jiru ni amanta mitii? Baayʼee gaarii gooteetta. Haa taʼu malee, jinniiwwanis kana ni amanu, ni romʼus.
20 Ati garuu yaa nama hubannaa hin qabne nana, amantiin hojii malee gatii akka hin qabne beekuu ni barbaaddaa?
21 Abbaan keenya Abrahaam ilma isaa Yisihaaqiin iddoo aarsaa irratti erga dhiheessee booda qajeelaa jedhamee kan waamame hojiidhaan hin turree?
22 Amantiin isaa hojii isaa wajjin hojjechaa akka turee fi amantiin isaa hojii isaatiin guutuu akka taʼe ni argita;
23 yaadni Kitaaba Qulqulluu inni, “Abrahaam Yihowaatti amane, kunis qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame” jedhus ni raawwatame; innis michuu Yihowaa jedhamee waamame.
24 Namni tokko amantii qofaadhaan utuu hin taʼin, hojiidhaan qajeelaa jedhamee akka waamamu ni argitu.
25 Haaluma wal fakkaatuun, Rahaab ishiin gaalamootittiin warra ergaman sana keessummummaa simattee karaa gara biraa erga isaan ergitee booda qajeeltuu jedhamtee kan waamamte hojiidhaan hin turree?
26 Dhuguma iyyuu akkuma qaamni hafuura hin qabne duʼaa taʼe, amantiin hojii hin qabnes akkuma kana duʼaa dha.
Miiljaleewwan
^ Ykn. “isin adaba.”