Yaaqoob 3:1-18
3 Yaa obboloota ko, nuti murtii cimaa akka fudhannu waan beektaniif isin keessaa baayʼeen barsiisota hin taʼin.
2 Sababiin isaas hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna.* Namni dubbiidhaan hin gufanne yoo jiraate garuu, inni nama mudaa hin qabnee fi guutummaa qaama isaa toʼachuu dandaʼu dha.
3 Fardeen akka nuuf ajajamaniif luugama afaan isaaniitti yoo keenye, guutummaa qaama isaaniis toʼachuu dandeenya.
4 Mee dooniiwwanis ilaalaa: Baayʼee guddaa kan taʼanii fi qilleensa jabaadhaan kan oofaman yoo taʼan iyyuu, batoo baayʼee xinnoo taateen gara namni isaan oofu sun barbaadetti geeffamu.
5 Haaluma wal fakkaatuun, arrabni kutaa qaamaa ishii xinnoo yoo taate iyyuu akka malee of tuulti. Bosona guddaa tokko gubuuf ibiddi xinnoon illee akka geessu hubadhaa.
6 Arrabnis ibidda dha. Arrabni kutaa qaamaa keenya keessatti addunyaa jalʼinaa bakka buuti; sababiin isaas ishiin guutummaa qaamaa xureessiti, akkasumas guutummaa daandii jireenyaa* gubdi, ofii ishiis Gahaannam* keessatti gubatti.
7 Bineesoonni daggalaa, simbirroonni, warri lafa irra loʼanii fi uumamawwan galaana keessa jiraatan hundinuu namaan leenjifamuu dandaʼu; leenjifamaniirus.
8 Haa taʼu malee, namni arraba leenjisuu dandaʼu tokko illee hin jiru. Arrabni toʼachuuf kan nama rakkistu, kan nama miituu fi summii nama ajjeesuun kan guutamte dha.
9 Arraba keenyaan Yihowaa isa Abbaa taʼe ni galateeffanna; arrabuma kanaanis namoota akka “fakkaatti Waaqayyootti” uumaman ni abaarra.
10 Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi ni baʼu.
Yaa obboloota ko, wantoonni kun taʼuu hin qaban.
11 Burqaan tokko boolluma tokko keessaa bishaan miʼaawuu fi bishaan hadhaaʼu burqisiisuu dandaʼaa?
12 Yaa obboloota ko, mukti harbuu firii ejersaa godhachuu yookiin mukti wayinii firii harbuu godhachuu ni dandaʼaa? Akkasumas bishaan soogiddaa bishaan miʼaawaa argamsiisuu hin dandaʼu.
13 Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Inni hojii isaa kan raawwatu garraamummaa isa ogummaa irraa maddeen taʼuu isaa amala isaa isa gaariidhaan haa argisiisu.
14 Haa taʼu malee, garaa keessan keessa hinaaffaa fi morkiin* yoo jiraate of hin tuulinaa, dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa.
15 Kun ogummaa isa ol gubbaadhaa dhufu miti; kanaa mannaa kan lafaa, kan bineensotaa fi kan jinniiwwanii ti.
16 Sababiin isaas, bakka hinaaffaa fi morkiin* jiru hunda, jeequmsii fi wanti gadheen hundi ni jiraata.
17 Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu garuu, hundumaa dura qulqulluu dha, achiis naga qabeessa, tole kan jedhu, ajajamuuf kan qophaaʼe, gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame, kan hin loognee fi kan hin fakkeessine dha.
18 Kana malees, warra nagaa uumaniif, firiin qajeelinaa haala naga qabeessa taʼe keessatti facaafama.
Miiljaleewwan
^ Ykn. “dogoggora ni raawwanna.”
^ Kal. “geengoo dhalootaa.”
^ Jibsoo ilaali.
^ Tarii ykn. “hawwiin ofittummaa.”
^ Tarii ykn. “hawwiin ofittummaa.”