Yaaqoob 4:1-17

4  Waraannii fi lolli isin gidduu jiru maal irraa kan madde dha? Fedhiiwwan foon keessanii warra isin keessatti* wal morman irraa kan madde mitii ree?  Isin ni hawwitu garuu hin argattan. Ni ajjeeftu, akkasumas ni gomjaatu, garuu argachuu hin dandeessan. Wal loltu, wal irrattis waraana bantu. Waan hin gaafanneefis hin argattan.  Fedhii foon keessanii ittiin guuttachuuf jecha kaayyoo dogoggoraatiif waan gaafattaniif yoo gaafattan iyyuu hin argattan.  Ejjitoota* nana, addunyaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii? Kanaaf, namni michuu addunyaa taʼuu barbaadu hundi diina Waaqayyoo of godha.  Yookiin yaadni Kitaaba Qulqulluu, “Hafuurri nu keessa jiraatu yeroo hunda hinaaffaadhaan hawwa” kan jedhu sababii tokko malee isinitti fakkaataa?  Haa taʼu malee gaarummaa guddaan Waaqayyo kennu, hafuura hinaaffaa sana caalaa guddaa dha. Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo warra of tuulan ni morma, warra gad of qabaniif garuu gaarummaa isaa isa guddaa ni kenna” jedha.  Kanaaf, Waaqayyoof bitamaa; Diyaabilosiin garuu mormaa, innis isin irraa ni baqata.  Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata. Isin cubbamoonni harka keessan qulqulleessaa; isin warri yaada dhaabbataa taʼe hin qabne garaa keessan qulqulleessaa.  Dhiphadhaa, gaddaa, booʼaas. Kolfi keessan gaddatti, gammachuun keessanis abdii kutachuutti haa jijjiiramu. 10  Yihowaa duratti gad of qabaa, innis ol ol isin godha. 11  Yaa obbolootaa, hamaa walitti dubbachuu keessan dhiisaa. Namni obboleessa tokkotti hamaa dubbatu yookiin obboleessa isaatti murteessu hundi seera irratti hamaa dubbata, akkasumas seera irratti murteessa. Kanaaf, seera irratti yoo murteessite, ati seera hojii irra oolchaa jirta utuu hin taʼin, abbaa murtii taʼuu kee ti. 12  Seera kan tumuu fi Abbaan Murtii tokko qofa dha; innis isa fayyisuu fi balleessuu dandaʼu sana dha. Haa taʼu malee, nama isa kan biraatti kan murteessitu ati eenyu? 13  Egaa isin warri, “Harʼa yookiin bor gara magaalaa kanaa ni dhaqna, achis waggaa tokko ni turra, ni daldalla, buʼaas ni arganna” jettan dhagaʼaa; 14  jireenyi keessan bor maal akka taʼu illee hin beektan. Sababiin isaas isin hurrii yeroo muraasaaf mulʼatee sana booda badu dha. 15  Kanaa mannaa, “Fedhii Yihowaa yoo taʼe, ni jiraanna, kana yookiin sana ni goona” jechuu qabdu. 16  Isin garuu amma akka malee of tuuluu keessanitti ni boontu. Of tuuluun akkasii hundi immoo hamaa dha. 17  Kanaaf, namni tokko wanta sirrii taʼe akkamitti akka hojjetu beekee, utuu hin hojjetin yoo hafe cubbuu isatti taʼa.

Miiljaleewwan

Kal. “kutaa qaamaa keessan keessatti.”
Ykn. “Warra amanamoo hin taane.”